TAJAAJILA DEEGGARSA SEERAA BILISAA

0
1351

Tajaajila Manni Murtii Kennaa Jiru Beektuu?

Tajaajila Waajjira Deggersaa fi Hubannoo Seeraa Manneen Murtii Oromiyaatiin Kennaman

  • Namoota yakkaan himatamanii gara Mana Murtii dhufan baasii mataa isaaniin abukaatoo dhuunfaa dhabbbachuu hin dandeenyeef tajaajila Abukaatoo Ittisaa kennuufii,
  • Namoota harka qalleeyyii ta’an gara Mana Murtii dhufaniif tajaajila deggersa seeraa bilisaan kennuufii,
  • Kenniinsa tajaajila manneen murtii ilaalchisee hawaasaaf hubannoo seeraa kennuu dha.

Kutaa 1ffaa – Namoota Yakkaan Himatamaniif Tajaajila Abukaatoo Ittisaa Kennuu

Heerri Mootummaa Federaalaa Dimokiraatawaa Ripaabilika Itoophiyaa (Labsii Lakk. 1/1995) fi Heerri Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa (Labsii Lakk. 46/1994) keewwata 20 (5) jalatti mirga nama himatameen walqabatee qajeeltoo ‘namni himatame mirga abukaatoo filateen falmachuu akka qabu, dandeettii abukaatoo ofii isaan falmachuu yoo hin qabaannee fi haqni ni jallata yoo jedhame baasii mootumaatiin abukaatoon dhaabbamuufii akka qabu’ tumee jira.  Keewwati 20 kun akka waliigalaatti mirgoota nama himatamee tarreessee kan jiru ta’ee; isaan kunis:

  • Erga himanni irratti hundaa’een mirga yeroo madalaawaa ta’e (within a reasonable time) keessatti Mana Murtii seeraan hundeeffamee jiruu fi haalonni akka dhaddacha cufaadhaan dhagahamuu agarsiisu yoo hin jiraanne, dhaddacha uummataaf ifa ta’etti dhagahamuu akka qabu;
  • Mirga gocha ykn sababa ittiin himatamee sirriitti tarreeffamaan hubachiifamuu fi barreeffamaan argachuu akka qabu;
  • Mirga hanga irratti mirkanaa’uutti akka nama badii hin qabneetti lakkaa’amuu fi ofirratti ragaa ta’uuf akka hin dirqisiifamne;
  • Mirga ragaa irratti dhiyaatu hunda argachuu, ragaa irratti dhiyaates gaaffii gaafatachuu, ragaa ittisaa dhiyeeffachuu yookiin dhiyeessifachuu fi dhiyaatanii Mana Murtiitti akka dhagahaman taasifachuu;
  • Ajaja ykn murtii Manni Murtii irratti dabarseen walqabatees mirga ol’iyyachuu dhiyeeffachuu;
  • Manni Murtichaa afaan himatamaan hin dhageenyeen falmii geggeessaa yoo jiraate mirga baasii mootummaatiin hiikkaa afaanii argachuu fa’ii dha.

Abukaatoon dhuunfaas ta’e abukaatoon ittisaa nama yakkaan himatameef dhaabbatee falmu mirgoota nama himatameen wal qabatan kan keewwata 20 jalatti tarreeffaman kana kabachiisuufii, Mana Murtii hubachiisuufii, akkasumas mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uuraa jedhamanii Boqonnaa 3ffaa Heera Mootummaa Federaalaa fi kan Mootummaa Naannoo Oromiyaa jalatti tarreeffaman, mirgoota namoomaa fi dimokiraasiin wal qabatanis sirnaan akka kabajamu taasisuudhaaf gahee ol’aanaa qabu.

Mirgoota namoomaa akka qajeeltootti tarreeffaman kanneen keessaa muraasni mirga lubbuun jiraachuu, mirga nageenya qaamaa fi walabummaa, mirga qabiinsa farra namoomaa irraa bilisa ta’uu fi kkf fa’i. Heerota mootummaa lamaan olitti ibsame keewwata 13 qajeeltoo mirgootaa fi walabummaa bu’uuraa irraa kan hubatamu Qaamni Seera Baastuu, Seera Raawwachiistuu fi Seera Hiiktuun mootummaa Federaalaa fi Naannoo sadarkaa hundatti jiran dirqamaa fi itti gaafatamummaa qajeeltoowwan kana kabajuu fi hojiirra oolchuu akka qaban ta’uu dha. Mirgoonni namoomaa namummaa fi bilisummaa uumama namaa irraa kan maddan, kan hin cabnee fi hin mulqamnee yoo ta’an, Manni Murtiis akka qaama seera hiiktuu mootummaatti mirgoota kana kabajee fi kabachiisuuf heeraan aangoo fi dirqama kan qabu ta’uun beekamaa dha. Kana keessattis nama yakkaan himatamee itti dhiyaatuuf abukaatoo ittisaa dhaabuudhaan mirgootni kun akka kabajaman taasisuun gahee isaa taphachuutu irraa eegama.

Akkaataa Labsii Gurmaa’ina, Aangoo fi Hojii Manneen Murtii Naannoo Oromiyaa irra deebiin murteessuuf bahe labsii lakk. 216/2011 keewwata 5 jalatti tumameenis kaayyoo Manneen Murtii Naannichaa galmaan gahuuf hundeessan keessaa inni tokkoo fi ijoon mirgaa fi walummaa dhuunfaa fi garee Heera Mootummaa Federaalaa fi kan Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti tumaman kabachiisuu dha.

Kanumaan wal qabatee labsicha keewwata 39 jalatti waa’een Tajaajila Deggersa Seeraa Manneen Murtii Oromiyaa keessatti kennamuu tumamee jira. Haaluma kanaan‘Tajaajila Deggersa Seeraa Kennuu’ kan jedhu tajaajila bal’ina qabu yoo ta’ellee gama nama himatameetiin namni kamiyyuu abukaatoo seeraa dhaabbachuudhaan deeggarsa seeraa argachuuf mirga akka qabu, nama yakka hidhaa cimaa waggaa 5 gadi hin taaneen adabsiisuun himatamee fi abukaatoo dhaabbachuu hin dandeenyeef Manni Murtii baasii mootummaatiin tajaajila abukaatoo ittisaa yookiin bilisaan tajaajila deeggarsa seeraa akka argatan taasisuu, nama abukaatoo dhaabbachuu hin dandeenyee fi yakka hidhaa waggaa 5 gadi ta’een adabsiisuun himatameefis abukaatoo malee yoo falme haqni ni daba jedhee yoo amanes, baasii mootummaatiin abukaatoo ittisaa yookiin tajaajila deeggarsa seeraa bilisaan akka argatu akka taasisu ifatti taa’eera. Kenniinsa tajaajila kanaa bu’a qabeessa taasisuuf Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa caaseffamaa fi sirna barbaachisaa ta’e akka diriirsuu qabu tumameera. Kanuma hordofees caasaa Manneen Murtii Oromiyaa bara 2011 mirkanaa’ee hojiirra oolee keessatti Waajjirri Deeggarsaa fi Hubannoo Seeraa sadarkaa Mana Murtii Waliigalaatti akka hundaa’uu fi hanga Manneen Murtii Aanaaleetti caaseffama akka qabaatu taasifameera. Kana malees Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa abukaatoo ittisaa Manneen Murtii Oromiyaa sadarkaa hundaatti akka qacaraman taasisuudhaan hojjechaa kan jiru ta’ee, bakkeewwan hanqinni abukaatoo mul’atutti bakka buusuun akkasumas ergisaan fala kennaa jira.

Kaayyoon isaa akka waliigalaatti himatamtoonni yakkaa sababa harka qalleessa ta’aniif ogeessa seeraa dhuunfaadhaan dhaabbachuu hin dandeenye akkasumas ogeessaa seeraa sababa hin qabneef mirgaa fi dirqama isaanii sirnaan ibsatanii yakka ittiin himataman ilaalchisee falmachuu hin dandeenyeen walqabatee haqni jallatee namni balleessaa hin qabne akka hin adabamneef madaalamummaa adeemsa falmii hojiirra oolchuudhaan mirga haqa argachuu namoota himatamanii mirkaneessuu dha.

Dhimma kana waliin wal qabatee falmiiwwan adda addaatu jiru. Falmii kana keessaa manni Murtii ofii isaatiin dhimma namoota yakkaan himatamanii ilaalaa gama biraatiin ammoo namoota himatamaniif tajaajila abukaatoo akka argatan taasisuun bilisummaa Mana Murtii waliin walitti bu’a kan jedhanii fi kan walitti hin bu’u jedhan ni mul’ata. Gama kanaan waanti hubatamuu barbaachisu caaseffama mootummaan alaa, ofiin gurmaa’ee, ofi danda’ee tajaajila kana kennu ykn mootummaan qofaatti gurmeessee tajaajila kana of danda’anii akka kennaniif akka biyyoolessaattis ta’e akka Naannoo Oromiyaatti hojiirra jiran hin qabnu. Sababa hojimaati akkanaa biyya keenya keessa hin jirreef akka qaama Mootummaa Seera Hiikuutti Manni Murtii tajaajila kana kennuuf itti gaafatamummaa waan qabuuf haqa mirkaneessuun na hin galchu jechuun callisuu akka hin dandeenye mul’isa. Gama biraan dhimmi hubatamuu qabu biraan mootummaan Abbaa Alangaa barnootaan, ogummaa fi muuxannoo seeraa gabbisuun namoota yakka raawwatan jedhaman himachuun falmee adabsiisuuf kan aangeffame ta’ee namooti yakkaan himataman faallaa kanaa hubannaa seeraa kan hin qabnee fi sababa harka qalleeyyii ta’aniif mirga isaanii kabachiifachuu kan hin dandeenye yoo ta’e kaayyoon Manni Murtii hundeeffameef galma gahuu irratti dhiibbaa mataa isaa qabaata. Abbaan Alangaa himatamaa ogummaa seeraa hin qabne ykn sababa harka qalleeyyii ta’eef abukaatoo dhuunfaa dhaabbachuu hin dandeenyee waliin falmii kan geggeessu yoo ta’e carraan nama himatamuu hin qabne ykn balleessaa hin qabne akka adabamu taasisu mudachuu waan danda’uuf qaawwa kana duuchuuf heerri mootummaa, seeronni idilee akka biyyoolessaattis ta’e qajeeltoo ta’ee sadarkaa idil addunyaatti akka hojiirra oolu ta’aa kan jiruudha. Gama biraan Abbaan Seeraa gama himatamaa goree dhimma mirga bu’uuraa himatamaan ibsachuu qabu, gaaffii ragaa gaafatachuu qabu fi kkf ofiin kaasuufiin amala hojii Abbaa Seerummaanis ta’e mana murtiitiin waan hin dandaa’amneef tajaajila abukaatoo ittisaa laachuun barbaachisaadha. Tajaajilli abukaatoo ittisaa kun qajeeltoo bu’uuraa heera mootummaa keessaa ‘Mirga Walqixxummaa’ keewwata 25 jalatti tumame hojiirra oolchuuf yaadamee akka ta’e ni mul’isa. Akka qajeeltoo kanaatti namni kamiyyuu seera duratti walqixa, qoodamiinsa tokko malee eegumsa seeraa walqixaan argachuu fi kun wabii seeraa nama hundaa akka ta’e agarsiisa.

Bu’uura kanaan yeroo ammaa tajaajilli Abukaatoo Ittisaa Manneen Murtii Oromiyaa sadarkaa hundatti kennamaa jiraachuu hubachuudhaan himatamtootni yakkaa itti fayyadamuu danda’u jechuudha.

Kutaa 2ffaa

Namoota harka qalleeyyii ta’an gara Mana Murtii dhufaniif tajaajila Deggersa Seeraa bilisaan kennuun walqabatee barreeffama gabaabduu qabachuun walitti deebina.

Hubachiisa:

Yaadni isin nuuf barreessitan kenniinsa tajaajila keenyaa cimsuu keessatti waan nu gargaaruuf dhimma kanaan walqabatee gaaffii fi yaada qabdan kamiyyuu karaa fuula kanaan nuuf ibsuu fi barreessuu dandeessu.

Waajjira Deggersaa fi Hubannoo Seeraa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa

Horaa Bulaa

Amajji, 2013

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here