Tajaajila Manni Murtii Kennaa Jiru Beektuu? Tajaajila Waajjira Deggersaa fi Hubannoo Seeraa Manneen Murtii Oromiyaatiin Kennaman Namoota yakkaan himatamanii gara Mana Murtii dhufan baasii mataa isaaniin abukaatoo dhuunfaa dhabbbachuu hin dandeenyeef tajaajila Abukaatoo Ittisaa kennuufii, Namoota harka qalleeyyii ta’an gara Mana Murtii dhufaniif tajaajila deggersa seeraa bilisaan kennuufii, Kenniinsa tajaajila manneen murtii ilaalchisee hawaasaaf hubannoo […]
Akkuma beekamu kanaan dura qabeenyi hawaasa Manneen Murtii Oromiyaa karaa Komishiinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Naannoo Oromiyaa beeksifamaa fi galmaayaa kan ture ta’uun ni beekama. Qabeenya beeksisuu fi galmeessisuun malaammaltummaa fi hojimaata badaa ittisuu keessatti faayidaan inni qabu ol’aanaa waan ta’eef akkasumas bilisummaa fi itti gaafatamummaa madaalawaa ta’e Manneen Murtii keessatti mirkaneessuun wal qabatee gahee […]
Abbootiin Seeraa fi Muudamtootni Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Adaamaatti leenjii rifformii irratti xiyyeeffate Amajjii 7-8 bara 2013 tti kennamu fudhachaa jiru. Leenjichi qopheessummaa qopheessummaa Daayirektoreetii Hojii Jijjiiramaa Mana Murtichaatiin kan qophaa’e yoo ta’u dhimoota rifoormii fi duudhaalee naamusa irratti kan fuulleffatuu dha. Haaluma kanaanis guyyaa jalqabaa leenjiin Jijjiirama Jaarmiyaa (Organizational Change) Dr. Kabbadaa Gannatiitiin fi […]
Leenjiin dandeettii raawwachiisummaa ogeessota Komunikeeshinii Manneen Murtii Ol’aanaa cimsuu irratti fuulleeffate Mudde 03-04 bara 2013 Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti kennameera. Leenjichi qindeessummaa Daayirektoreetii Dhimmoota Komunikeeshinii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatiin kan qophaa’e yoo ta’u caasaa Komunikeeshinii gara Manneen Murtii Ol’aanaatti gadi bu’e cimsuu kaayyoo kan godhatee dha. Haaluma kanaan maalummaa komunikeeshinii irraa kaasee hanga komunikeeshinii dhaabbatummaa […]
Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa OBN irraa sagantaa yeroo qilleensaa idileen bitatee ji’oottan itti aananiif hojii fi adeemsa kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa irratti uummata keenyaaf hubannoo uumuuf qophii barbaachisaa xumuree Mudde 23/2013 hojii eegaluuf jira. Sagantaa kanaan dhimmootni xiyyeeffannoo guddaa argatan filmaata hiikkaa wal diddaa (jaarsummaa/araara), Manneen Murtii fi uumama hojii abbaa seerummaa (walitti dhufeenyaa fi […]
Leenjiin Daayirektoreetii Hooggansa Hojii Jijjiiramaa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatiin qophaa’ee fi guyyoota lamaaf (Mudde 23-24 bara 2013) turu Ofisaroota Seeraa fi hojjattoota sivil sarvaantii Mana Murtichaa 200 ta’aniif Magaalaa Sabbataatti kennamaa jira. Leenjiin kun dhimmoota murteessoo 4 irratti xiyyeeffatee kan kennamuudha. Isaanis Sosochii Fooyya’iinsa Kenniinsa Tajaajilaa, Aadaa Mana Hojii/Organizational Culture, Naamusa Hojii fi Rifoormii Manneen […]
Yaadota Ammee