Madaalamummaan deemsa falmii (fair trial) mirgoota namoomaa sanadoota/waliigalteewwan idil addunyaa fi seerota biyya keenyaatiin beekamtii argatan keessaa tokkoo dha. Mirgi kun elementoota adda addaa kan of keessatti hammate yoo ta’u kanneen keessaa:•Wal qixxummaa dandeettii (equality of arms) wal falmitootaa mirkaneessuu; jecha biraatiin garaagarummaa dandeettii wal falmitoota gidduu jiru tajaajila akka tajaajila deeggarsa seeraa fi abukaattummaa […]
Korri hooggansa Manneen Murtii Oromiyaa oolmaa guyyaa sadaffaa kan waarew duraatiin dhimma kenna tajaajilaa irratti marii gaggeessee jira. Barreeffamni ka’uumsa marii rakkoolee kenna tajaajilaa Manneen Murtii Oromiyaa kallattii furmaataa waliin xinxaale Gargaaraa Addaa Pirezidaantii Itti Aanaa MMWO, Obbo Mul’isaa Ejjetaa tiin dhiyaateera. Barreeffamichi qophaa’uu kan danda’e kallattii Gumiin Bulchiinsa Abbootii Seeraa Oromiyaa […]
Gamaaggamni raawwii hojii walakkaa waggaa Manneen Murtii Oromiyaa Amajjii 28-29 bara 2014 guyyoota lamaaf Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa ture xumuramee jira. Waltajjcihaan gabaasni Manneen Murtii Ol’aanaa hundaatuu dhiyaatee mariin bilchina qabu irratti gaggeeffameera. Haaluma kanaan Pirezidaantootni MMO gabaasa sochii hojii Manneen Murtii Godina isaanii garee marii keessatti ramadamanitti dhiyaassaniiru; marii gaariinis guyyaa tokkoo fi walakkaaf taasifameera. […]
Daayirektoreetiin Odiitii Keessaa MMWO leenjii danddeettii raawwachiisummaa cimsu ogeessota Odiitii Keessaa Manneen Murtii Oromiyaa baay’inni isaanii 150 ta’uuf Magaalaa Adaamaatti kennuu eegalee jira. Leenjichi Amajjii 25 hanga 27 bara 2014 tti guyyoota sadii (3) walitti aananiif kan kennamu yoo ta’u dhimmoota armaan gadii irratti kan fuulleffatuu dha. 1. Qajeelfamaa fi Hojimaata Odiitii Keessaa; […]
Yaadota Ammee