Madaalamummaan deemsa falmii (fair trial) mirgoota namoomaa sanadoota/waliigalteewwan idil addunyaa fi seerota biyya keenyaatiin beekamtii argatan keessaa tokkoo dha. Mirgi kun elementoota adda addaa kan of keessatti hammate yoo ta’u kanneen keessaa:•Wal qixxummaa dandeettii (equality of arms) wal falmitootaa mirkaneessuu; jecha biraatiin garaagarummaa dandeettii wal falmitoota gidduu jiru tajaajila akka tajaajila deeggarsa seeraa fi abukaattummaa […]
Korri hooggansa Manneen Murtii Oromiyaa oolmaa guyyaa sadaffaa kan waarew duraatiin dhimma kenna tajaajilaa irratti marii gaggeessee jira. Barreeffamni ka’uumsa marii rakkoolee kenna tajaajilaa Manneen Murtii Oromiyaa kallattii furmaataa waliin xinxaale Gargaaraa Addaa Pirezidaantii Itti Aanaa MMWO, Obbo Mul’isaa Ejjetaa tiin dhiyaateera. Barreeffamichi qophaa’uu kan danda’e kallattii Gumiin Bulchiinsa Abbootii Seeraa Oromiyaa […]
Gamaaggamni raawwii hojii walakkaa waggaa Manneen Murtii Oromiyaa Amajjii 28-29 bara 2014 guyyoota lamaaf Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa ture xumuramee jira. Waltajjcihaan gabaasni Manneen Murtii Ol’aanaa hundaatuu dhiyaatee mariin bilchina qabu irratti gaggeeffameera. Haaluma kanaan Pirezidaantootni MMO gabaasa sochii hojii Manneen Murtii Godina isaanii garee marii keessatti ramadamanitti dhiyaassaniiru; marii gaariinis guyyaa tokkoo fi walakkaaf taasifameera. […]
Daayirektoreetiin Odiitii Keessaa MMWO leenjii danddeettii raawwachiisummaa cimsu ogeessota Odiitii Keessaa Manneen Murtii Oromiyaa baay’inni isaanii 150 ta’uuf Magaalaa Adaamaatti kennuu eegalee jira. Leenjichi Amajjii 25 hanga 27 bara 2014 tti guyyoota sadii (3) walitti aananiif kan kennamu yoo ta’u dhimmoota armaan gadii irratti kan fuulleffatuu dha. 1. Qajeelfamaa fi Hojimaata Odiitii Keessaa; […]
Waltajjiin marii raawwii hojii walakkaa waggaa Dhaddachaalee Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa fi bu’aa odiitii dhimmaa galmee murtiin boodaa qorachuu irratti xiyyeeffate hooggansa ol’aanaa fi hooggantoota KTAS Mana Murtichaa (Daayireektara KTAS, Qindeessitootaa Dhaddachaalee Dhaabbii fi Ijibbaataa, Gaggeessitoota Dhimmaa Dhaddacha Giddugaleesaa fi Dhaddachaalee Dhaabbii) haala hirmaachiseen Amajjii 14/2014 Magaalaa Bishooftuu tti marii gaggeeffamee jira.
Koreen Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaa, Seeraa fi Qabeenya Namaa Caffee Oromiyaa Walittiqabaa Korichaa, Kab. Obbo Naasir Huseeniin durfamuun rifoormii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa tti gaggeeffamaa jiru Amajjii 12 bara 2014 daawwateera. Sadarkaa ijaarsi gamoo Waajjira Muummee Mana Murtichaa irra jirus Caffee Araaraatti argamuun ilaaleera. Sana boodas waltajjiin marii waloo gaggeeffameera. Waltajjicha irrattI haasaa baga nagaan dhuftanii […]
Hordoftootni Amantii Kiristaanaa marti baga Ayyaana Qillee/Guyyaa Dhaloota Iyyasuus Kiristoos bara kanaatiin nagaan isin gahe! ለመላው የክርትና ዕምነት ተከታዮች እንኳን ለእየሱስ ክርስቶስ የልደት በዓልበሠላም አደረሳችሁ። AYYAANA GAARII! መልካም በዓል!
Manneen Murtii Oromiyaa keessatti ji’oottan jahan darban keessatti galmeewwan 301,879 dhiyaatanii ilaalamaa kan turan yoo ta’u kanneen keessaa galmeewwan 264,968 ta’an irratti murti kennuun danda’ameera. Kunis, galmeewwan dhiyaatanii ilaalamaa turan keessaa kanneen xumura argatan %87.77 ta’uu agarsiisa. Dhibbeentaan raawwii waliigalaa kun kan bara darbe yeroo walfakkaataa %82.40 waliin yeroo ilaalamu %5.37 dabaluu agarsiisa. Galmeewwan akka […]
Pirezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Kab. Obbo Gazaalii A/Simal kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa fi hooggansa Manneen Murtii Oromiyaa keessatti hirmaannaa dubartootaa guddisuuf hooggansi MMWO kutannoo qaba jedhaniiru. Kab. Obbo Gazaaliin kana kan jedhan goolaba leenjii dandeettii hooggansummaa dubartootaa cimsuuf guyyoota lamaaf kennamaa ture irratti argamuun kallattii gara fuulduraa kennan keessattii dha. Manni Murtii […]
Yaadota Ammee