Fooramiin Qindoomina Qaamolee Haqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa sirna haqaa Naannichaa ammayyeesuu irratti fuulleeffate guyyaa har’a bifa haaraa fi gurmaa’ina haaraa akka qabaatu taasifamee ifatti hundaa’eera. Sanadni wal hubannoo fooramichaas hooggantoota ol’aanoo qaamolee haqaatiin mallatta’era. Bal’ina isaa boodarra itti deebina. #MMWO
Manneen Murtii Oromiyaa imala jijjiiramaa keessa jiru. Bara 2011 irraa eegalee hanga ammaatti sirnootni haaraan kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa fi bulchiinsa keessoo Manneen Murtii caalmaatti bu’a qabeessa taasisan heddu diriiraa jiru. Labsii gurmaa’ina, aangoo fi hojii Manneen Murtii Oromiyaa irra deebiin fooyyeessuuf bahe labsii 216/2011 tiin aangoon abbaa seerummaa Manneen Murtii Aanaalee guddateera; kun immoo […]
Warri MMWO tibba kana hojiiwwan gurguddoo lamarra turre. Tokkoffaa raawwii hojii keenya bara 2011 bakka Abbootiin Seeraa fi hojjattoota hundi argamanitti madaallee kallattii fuulduraa kaawwanneerra. Lammaffaa sirna beekamtii fi baadhaasaa gaggeessinee turre. Haaluma kanaan: A. Abbootii Seeraa soorama bahanii fi gara MMW Federaalatti guddataniif waraqaan ragaa galataa fi badhaasni kennameera. B. Abbootii Seeraa fi hojjattoota […]
Adaamaa Adoolessa 8/2011 Manni murtii waliigalaa Oromiyaa waggoota 5-10 bira ga’uuf kan karoorse qabxiiwwan 4 karoorsuusaa pirezidaantiin mana murtii waliigalaa Oromiyaa obbo Dasaa Bulchaa beeksian. Pirezidaantichi yaa’ii Caffee 10ffaa irratti karoora fuula duraa wayita dhiheessanitti akka jedhanitti, Yeroo giddu galeessaa keessatti qulqullina tajaajila abbaa seerummaa dabaluu, bilisummaa, itti Gaafatamummaa fi iftoomina, dhaqqabummaa, si’oominaafi bu’a qabeessummaa […]
#Hubannoof ~Dambii Gurmaa’insaa fi Hojimaata Dhaddachaa MM Oromiyaa Lakk. 6/2011
Dhaddachi ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa yakka bosonaa naannicha keessatti raawwatamuun wal qabatee seerri raawwatiinsa qabu Labsii Bosonaa Oromiyaa Lakk.72/1995 kwt 15 (1) moo Labsii Misooma, Eegumsaa fi Itti Fayyadama Bosonaa Mootummaa Federaalaa Lakk. 1065/2010 kwt 26 (1) dha? jedhu ilaalchisee yeroo dheeraaf Manneen Murtii keenya keessatti falmisiisaa ture irratti murtii dirqisiisaa kenneera. Haaluma kanaan […]
[OBN 29 01 2011] :-Labsiin gurmaa’insa, aangoo fi gahee hojii Manneen Murtii Oromiyaa bahe hojiin kenniinsa murtii hawaasaa qaqqabamaa taasisuuf faayidaa olaanaa qaba jedhame. Labsichi itti waamamaa fi itti gaafatamummaa manneen murtii adda kan baase fi giddu galtummaa tokko malee akka hojjetan kan taasisu bu’uura seeraa teechisee jira. Labsii kaleessa Caaffeen Oromiyaa mirkaneesse yaa’ii bulchiinsa Abbootii seeraa […]
Leenjiiwwan dandeettii raawwachisummaa hawaasa Mana Murtii cimsan kennamaa jiru. Haaluma kanaanis tibba darbe kana leenjiin qabiinsa abbaa dhimmaa, hooggansa jijjiiramaa fi jijjiirama hoogganuu akkasumas odiitii irratti xiyyeeffatan hooggantoota, ogeessotaa fi hojjattoota dhimmi ilaaluuf Magaalota Bishooftuu, Sabbataa fi Baatuu tti kennameera. Leenjiin ogummaa ICT irratti xiyyeeffatu immoo yeroo dhihootti ogeessota dhimmi ilaaluuf kennamuuf jira. Leenjiin kenname […]
Wixineewwan labsii lama Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa qopheessee dhiyeesse Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin ragga’aniiru. Haaluma kanaan wixineen labsii Gurmaa’iinsa, Aangoo fi Hojii Manneen Murtii Oromiyaa irra deebiin murteessuuf qophaa’e labsii lakk. 216/2011 jedhamee kan ragga’e yoo ta’u wixineen labsii Gumii Bulchiinsa Abbootii Seeraa irra deebiidhaan hundeessuuf wixineeffame labsii lakk. 2017 ta’uun ragga’eera.
Boqonnaan qophii karooraa Manneen Murtii Oromiyaa kan bara 2011 milkaa’inaan xumuramee gara raawwiitti galameera. Bu’uuruma kanaan karoorri bara kanaa haala adda ta’ee fi bu’aa irratti xiyyeeffateen erga qophaa’ee booda mariin irratti taasifameera. Dhuma irrattis akkaataa karoorfameen raawwachuun fi bu’aa karoorfame milkeessuuf Pirezidaantii Mana Murtii Waliigalaa fi pirezidaantota Manneen Murtii Ol’aanaa akkasumas Pirezidantii Mana Murtii Waliigalaa […]
Yaadota Ammee