Akkuma beekamu kanaan dura qabeenyi hawaasa Manneen Murtii Oromiyaa karaa Komishiinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Naannoo Oromiyaa beeksifamaa fi galmaayaa kan ture ta’uun ni beekama. Qabeenya beeksisuu fi galmeessisuun malaammaltummaa fi hojimaata badaa ittisuu keessatti faayidaan inni qabu ol’aanaa waan ta’eef akkasumas bilisummaa fi itti gaafatamummaa madaalawaa ta’e Manneen Murtii keessatti mirkaneessuun wal qabatee gahee […]
Abbootiin Seeraa fi Muudamtootni Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Adaamaatti leenjii rifformii irratti xiyyeeffate Amajjii 7-8 bara 2013 tti kennamu fudhachaa jiru. Leenjichi qopheessummaa qopheessummaa Daayirektoreetii Hojii Jijjiiramaa Mana Murtichaatiin kan qophaa’e yoo ta’u dhimoota rifoormii fi duudhaalee naamusa irratti kan fuulleffatuu dha. Haaluma kanaanis guyyaa jalqabaa leenjiin Jijjiirama Jaarmiyaa (Organizational Change) Dr. Kabbadaa Gannatiitiin fi […]
Leenjiin dandeettii raawwachiisummaa ogeessota Komunikeeshinii Manneen Murtii Ol’aanaa cimsuu irratti fuulleeffate Mudde 03-04 bara 2013 Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti kennameera. Leenjichi qindeessummaa Daayirektoreetii Dhimmoota Komunikeeshinii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatiin kan qophaa’e yoo ta’u caasaa Komunikeeshinii gara Manneen Murtii Ol’aanaatti gadi bu’e cimsuu kaayyoo kan godhatee dha. Haaluma kanaan maalummaa komunikeeshinii irraa kaasee hanga komunikeeshinii dhaabbatummaa […]
Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa OBN irraa sagantaa yeroo qilleensaa idileen bitatee ji’oottan itti aananiif hojii fi adeemsa kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa irratti uummata keenyaaf hubannoo uumuuf qophii barbaachisaa xumuree Mudde 23/2013 hojii eegaluuf jira. Sagantaa kanaan dhimmootni xiyyeeffannoo guddaa argatan filmaata hiikkaa wal diddaa (jaarsummaa/araara), Manneen Murtii fi uumama hojii abbaa seerummaa (walitti dhufeenyaa fi […]
Leenjiin Daayirektoreetii Hooggansa Hojii Jijjiiramaa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatiin qophaa’ee fi guyyoota lamaaf (Mudde 23-24 bara 2013) turu Ofisaroota Seeraa fi hojjattoota sivil sarvaantii Mana Murtichaa 200 ta’aniif Magaalaa Sabbataatti kennamaa jira. Leenjiin kun dhimmoota murteessoo 4 irratti xiyyeeffatee kan kennamuudha. Isaanis Sosochii Fooyya’iinsa Kenniinsa Tajaajilaa, Aadaa Mana Hojii/Organizational Culture, Naamusa Hojii fi Rifoormii Manneen […]
Koreewwaan adda addaa 3 miseensota koree Bulchiinsaa fi Gaggeessitoota Dhaddachaalee Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa irraa ijaaraman torban lamaan darban (Mudde 12-22 bara 2013) daawwannaa Manneen Murtii irra turan. Haaluma kanaan koreewwan kun kallattiiwwan bahaa, giddugaleessaa, lixaa, kaabaa fi kibba Oromiyaatti bobba’uun Manneen Murtii Ol’aanaa 13 (Arsii, Arsii Lixaa, Baalee Bahaa, Harargee Lixaa, Gujii, Iluu Abbaa […]
Ijaarsi Waajjira Muummee Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Mudde 11 bara 2013 Magaalaa Finfinnee Caffee Araaraa (6 Kiiloo) tti sirna bareedaa fi miidhaagaa ta’een jalqabameera. Ijaarsi gamoo kanaa kan raawwatamu dhaabbata Chaayinaa Reelweey Sevenz Giruup jedhamuun yoo ta’u sirni ijaarsa eegalsiisuu bakka keessummoonni affeeraman argamanitti ifatti jalqabameera. Sagantaa kana irratti Pirezidaantiin Bulchiinsa MNO, Kab. Obbo Shimallis […]
Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa bara 1985 keessa sirna federaalizimii biyyattii keessatti hojiirra oole hordofuun kan hundaa’eedha. Manni Murtichaa hundeeffama isaa irraa kaasee Caffee Araaraa (6 Kiiloo)tti kan argamu gamoo suura 2ffaa irratti mul’atu keessatti tajaajila abbaa seerummaa kennaa turee jira; hojii bulchiinsaas achuma keessatti gaggeessaa tureera. Gamoon kun turtii yeroo dheeraa irraan ka’e dulloomuun jaaree […]
Gumiin Bulchiinsa Abbootii Seeraa Oromiyaa Yaa’ii Idilee isaa 188ffaa gaafa guyyaa 07-02-2013 gaggeesseen Muudama Gargaartotta Abbootii Seeraa Manneen Murtii Aanalee leenjifamtoota leenjii hojiin duraa ILQSO marsaa 13ffaa erga raawwatee booda bu’uura Dambii Bulchiinsa Abbootii Seeraa (BASO) Lakk.7/2012 keewwata 36 tiin akkaataa armaan gadiin ramaddii isaanii raawwatee jira. Akkaatuma kanaan Gargaartotni Abbootii Seeraa muudamnii fi ramaddiin […]
Bara 2013 Manneen Murtii Oromiyaatiif baajatni biiliyoona 2 ol ramadameera. Haaluma kanaan: Baasii namoomaa (mindaa fi faayidaa adda addaa)’f sadarkaa naannoo Qr. 326,411,589 Hojii adeemsisaa idileef Qr. 86,334,995 Baajata waliigalaa baasii marmaartuu Naannoof (MMWO fi MMO 22) Qr. 412,746,584 Baasii Kaappitaalaa ijaarsa pirojektootaaf (MMWO fi MMO 2) Qr. 378,253,688 Waliigala baajata Naannoo (MMWO fi MMO […]
Yaadota Ammee