Inistitiyuutiin Leenjii Ogeessota Qaamolee Haqaa fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa leenjifamtoota sagantaa leenjii hojiin duraan marsaa 13ffaa’n leenjisaa ture gaafa Fulbaana 30 bara 2013 sirna Galma Inistitiyuutichaatti gaggeeffameen eebbisiiseera. Sirnicha irratti Pirezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa fi Walittiqabaan Gumii Inistitiyuutichaa, kabajamoo Obbo Gazaalii Abbaasimal argamuun eebbifamtootaaf dhaamsa dabarsaniiru; leenjifamtoota qabxii ol’aanaa galmeessisaniif badhaasa qophaa’e kennaniiru. Nutis […]
Leenjiiwwan dandeettii raawwachisummaa hawaasa Mana Murtii cimsan kennamaa jiru. Haaluma kanaanis tibba darbe kana leenjiin qabiinsa abbaa dhimmaa, hooggansa jijjiiramaa fi jijjiirama hoogganuu akkasumas odiitii irratti xiyyeeffatan hooggantoota, ogeessotaa fi hojjattoota dhimmi ilaaluuf Magaalota Bishooftuu, Sabbataa fi Baatuu tti kennameera. Leenjiin ogummaa ICT irratti xiyyeeffatu immoo yeroo dhihootti ogeessota dhimmi ilaaluuf kennamuuf jira. Leenjiin kenname […]
Sirna Komunikeeshinii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa cimsuuf hojjatamaa jira. Haaluma kanaanis bara kana fuulli Facebook Mana Murtichaa banamee odeeffannoowwan wayitaawaa ta’an uummataan gahaa kan jiru yoo ta’u weebisaayitiinis xumuramee tajaajila wal fakkaataa kennuuf qophiirratti argama. Kana malees miidiyaaleef biroodikaastingii kan OBN wajjinis hojiin jajjabeessaan hojjatamaa jira.
Sirna Oliyyannoo(How to Appeal) Dhimma_Hariiroo_Hawaasaa Naamni kamuu murtii dhumaa Manni Murtii tokko kenne irraa komii kan qabu yoo ta’e Mana Murtii sadarkaa itti aanee jirutti oliyyannoo fudhachuu ni danda’a. Akkaataa Oliyyanni Itti Dhiyaatu: Oliyyanni kamuu kutaa reejistiraaraa (Ofiisaroota Seeraa) Mana Murtii Oliyyata dhagahuutti dhiyaachuu qaba; kanfaltiin abbaa seerummaa erga kanfalamee booda galmeen ni banama; Oliyyannoon […]
Yaadota Ammee