Qulqullina tajaajila abbaa seerummaa fooyyeessuuf hojiilee hojjatamaa jiran keessaa tokko tilmaamamummaa murtii fi wal fakkeenyummaa hiikoo seeraa dabaluudha. Qixa kanaan murtiiwwan dhaddachi ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa kennu keessaa kanneen hiikoon seeraa gaariin irratti kenname filachuun mnaxxansiisuun Abbootii Seeraa gidduutti ejjannoon walitti dhiyaatu ni uumama jennee abdanna. Kanarraa ka’uudhaanis Daayirektoreetiin Dhimmoota Komunikeeshinii Mana Murtii Waliigalaa […]
Seerota keessoo keenya faffaca’anii turan 12 ta’anii fi hojiif baay’ee barbaachisoo ta’an sanada tokko irratti walitti qabuun dhaqqabamaa akka ta’uuf qopheessinee isiniif erginee jirra. Seerotni keessoo as keessatti hammataman: Dambii Koodii Naamusa Abbaa Seerummaa Lakk. 01/2011 Dambii Naamusa Abbootii Seeraa Lakk. 02/2011 Dambii Sirna Itti Gaafatamummaa Naamusaa Lakk. 03/2011 Dambii Bulchiinsa Abbootii Seeraa Lakk. 07/2012 […]
Yaadota Ammee