A. HUNDEEFFAMAA FI GURMAA’INSA
Manneen Murtii Oromiyaa sirna federaalizimii kufaatii sirna Dargii booda hojiirra oole hordofuun bara 1985 keessa kan hundaa’anii dha. Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti Manneen Murtii Naannichaa Mana Murtii Waliigalaa, Mana Murtii Ol’aanaa fi Mana Murtii Aanaa jedhamuun sadarkaa sadiitti akka gurmaa’an taasifameera. Yeroo ammaa kanattis Manneen Murtii Aanaalee 304, Manneen Murtii Ol’aanaa 21 fi Mana Murtii Waliigalaa 1 (dhaddachaalee dhaabbii 3 dabalatee) hundaa’anii tajaajila abbaa seerummaa kennaa kan jiranii dha. Akkaataa labsii gurmaa’insa, aangoo fi hojii Manneen Murtii Oromiyaa irra deebiin murteessuuf bahe labsii lakk. 216/2011 ergamnii fi aangoon Manneen Murtii Naannichaa ifatti adda bahee tumameera.
B. ERGAMA
Akkaataa Labsii Lakk. 216/2011 keewwata 23 jalatti tumameen Manneen Murtii Oromiyaa ergama waloo tajaajila abbaa seerummaa dhaqqabamaa, si’ataa fi bu’a qabeessa ta’e, seera qofa irratti hundaa’uudhaan, haala loogii fi gartummaan ala ta’een kennuuf dirqama ni qabaatu. Hojii isaaniis bilisummaa guutuu fi itti gaafatamummaa ol’aanaadhaan ni raawwatu. Tumaan waliigalaa kun akkuma eegametti ta’ee: • Manni Murtii Waliigalaa tajaajilli abbaa seerummaa Naannicha keessatti walfakkaatummaa fi tilmaamamummaa akka qabaatuuf ni hojjata; • Manni Murtii Ol’aanaa bu’uuraan Mana Murtii ol’iyyannoo ta’ee, hir’ina yookiin dogongora seeraa yookiin ijoo dubbii, walumatti hir’ina murtiin Mana Murtii jalaa qabu ol’iyyannoodhaan dhagahee sirreessuuf ni hojjata; • Manni Murtii Aanaa Mana Murtii sadarkaa jalqabaa ta’ee, dhimmoota abbaan seerummaa itti gaafatame ofitti fuudhee sadarkaa jalqabaatiin ilaalee murtii kennuuf ni hojjata.
C. AANGOO ABBAA SEERUMMAA
Aangoon Abbaa Seerummaa Manneen Murtii Oromiyaa kutaa sadaffaa labsii lakk. 216/2011 keessatti bal’inaan tumameera. Haaluma kanaan Manneen Murtii Oromiyaa akka qajeeltootti dhimmoota armaan gadii irratti aangoo abbaa seerummaa ni qabaatu.
Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa dhimmoota kanneen ofitti fuudhee ilaaluun murtii kan kennuu Mana Murtii sadarkaa barbaachisu yookin dhaddacha barbaachisu Magaala Finfinnee keessatti hundeessuu akka danda’u labsichaan tumameera. Kana malees labsichi aangoo hundee dubbii Manneen Murtii sadarkaan jiranii akka itti aanutti ifatti lafa kaa’era.
(i) Aangoo Abbaa Seerummaa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Manni Murtii WaliigalaaNaannicha keessatti dhimmoota naannoo irratti aangoo abbaa seerummaa isa ol’aanaa fi isa dhumaa ni qabata. Kun akkuma jirutti ta’ee Manni Murtichaa dhimmoota armaan gadii irratti aangoo abbaa seerummaa ni qabaata:
(ii) Aangoo Abbaa Seerummaa Mana Murtii Ol’aanaa Manni Murtii Ol’aanaa dhimmoota daangaa bulchiinsa godinichaa keessatti uumamaniin walqabatee aangoo abbaa seerummaa armaan gadii ni qabaata:
(iii) Aangoo Abbaa Seerummaa Mana Murtii Aanaa Manni Murtii Aanaa dhimmoota daangaa bulchiinsa aanichaa keessatti uumaman irratti aangoo Abbaa Seerummaa armaan gadii ni qabaata:
D. SIRNA IJIBBAATAA Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa dhimmoota Naannoo murtii dhumaa argatan irratti dogongorri bu’uura seeraa raawwatameera jedhamee iyyata dhiyaatu ofitti fuudhee murteessuuf aangoo ni qabaata. Dhimmi tokko dhimmi murtii dhumaa argate tokko Dhaddacha Ijibbaataatiin kan ilaalamu murtichi dogoggora bu’uuraa seeraa qaba jedhamee yoo amaname qofaa dha. Murtiin dhumaa tokko ‘dogoggora bu’uuraa seeraa qaba kan jedhamu murtichi: Dogoggora hiikaa seeraa yookiin duudhaa seeraa yoo qabaate, yookiin seera ifatti tumame cabsee yoo argame fi dhiibbaa hin malle mirga namaa yookiin sirna seeraa irratti kan hordofsiise yoo ta’e; yookiin
Yaadota Ammee