Dhibbeentaan raawwii waliigalaa kun kan bara darbe yeroo walfakkaataa %82.40 waliin yeroo ilaalamu %5.37 dabaluu agarsiisa.
Galmeewwan akka waliigalaatti murtii argatan keessaa 246,824(%93.15) kan ta’an daangaa yeroo taa’ef keessatti murtii kan argataniidha.
Haala yaa’insa dhimmootaa yeroo ilaalamu walumaagalatti dhimmootni bara darbe yeroo walfakkaataatti sochii irra turan 283,672 yoo ta’u kan bara kanaa 301,879 dha. Murtii kan argatan ammoo kan bara darbee 233,741 yoo ta’u kan bara kanaa 264,968 dha. Kan sochiirra turan galmee 18,207 (% 6.41) kan murtii argatan ammoo galmee 31,227 (%13.56) dabaluu agarsiisa.
Leave A Comment