Biyya keenya keessattis heera mootummaa irraa eegalee seerota biroo keessatti mirgi kun beekamtii argatee jira. •Mirga wal qixxuummaa (Heera Mootummaa FDRI keewwata 25) •Mirga namootni himataman ariitiidhan haqaa argachuu fi dhimmi isaanii dhaddacha banaan dhagahamuu (keewwata 20 (1)) •Mirga abukaattoo seeraan mari’achuu, nama qulqulluu ta’anii ilaalamuu, fi kkf.
Mirga abukaattoon bakka bu’amuu fi tajaajila deeggarsa seeraa babal’isuun hojiiwwan fakkeenyummaa qaban Manneen Murtii Oromiyaa keessatti hojjatamaa jiru.
Haaluma kanaan Labsii Gurmaa’ina, Aangoo fi Hojii Manneen Murtii Oromiyaa Irra Deebiin Murteessuuf Bahe Labsii Lakk. 216/2011 keewwata 39 jalatti deemsa falmii madaalawaa taasisuuf tajaajilli gorsa, deeggarsaa fi abukaattummaa seeraa kennamuu akka qabuu fi Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa caasseffama hojii kana qindeessu Manneen Murtii sadarkaan jiran keessatti akka diriirsuu tumameera. Kanuma irraa ka’uudhaan Caasaa Manneen Murtii Oromiyaa bara 2011 keessa fooyya’ee hojiirra ooleen sadarkaa Mana Murtii Waliigalaatti Waajjirri Deeggarsaa fi Hubannoo Seeraa, sadarkaa Manneen Murtii Ol’aanaatti Gareen Deeggarsaa fi Hubannoo Seeraa, fi sadarkaa Manneen Murtii Aanaalaatti Abukaattoon Ittisaa akka jiraatu taasifameera. Caasaaleen kun hojiiwwan gurguddoo heddu qabu, isaan kaasaa muraasni: •Hubannoo Seeraa (adeemsa kenna tajaajilaa) hawaasaaf uumuu; • Namoota harka qalleeyyii ta’aniif abukaattummaa bilisaan dhaabbachuun madaalamummaa adeemsa falmii mirkaneessuu; •Tajaajila deeggarsa seeraa bilisaa (gorsa seeraa, iyyannoo barreessuu, fi kkf) dhaabbilee barnoota ol’aanoo, abukaattoota dhuunfaa fi qaamolee biroon hojjataman qindeessuu fi deeggaruu dha.
Qabatama amma itti hojjatamaa jiruunis tajaajiltootni kun bakkeewwan heddutti kennamaa kan jiran yoo ta’u kutaaleen hawaasaa harka qalleeyyii ta’an irraa fayyadamaa jiru.
Δ
Leave A Comment