Korri hooggansa Manneen Murtii Oromiyaa oolmaa guyyaa sadaffaa kan waarew duraatiin dhimma kenna tajaajilaa irratti marii gaggeessee jira.
Barreeffamni ka’uumsa marii rakkoolee kenna tajaajilaa Manneen Murtii Oromiyaa kallattii furmaataa waliin xinxaale Gargaaraa Addaa Pirezidaantii Itti Aanaa MMWO, Obbo Mul’isaa Ejjetaa tiin dhiyaateera.
Barreeffamichi qophaa’uu kan danda’e kallattii Gumiin Bulchiinsa Abbootii Seeraa Oromiyaa rakkoolee kenna tajaajilaan wal qabatee jiran furuu fi tajaajila uummataaf kennamu ammayyeessuuf kennee dha. Gumiin kallattii kana gaafa kaa’u kenna tajaajilaa ammayyeessuun mul’ata Manneen Murtii Naannichaa kan ta’e amantaa uummataa horochuu milkeessuu yaada keessa galcheeti. Barreeffamni akkaataa kanaan qophaa’e koricha irratti erga dhiyaatee boodaa hirmaattotni marii irratti gaggeessaniiru.
Waltajjii marichaa ol’aantummaan kan hoogganan Pirezidaantii Itti Aanaan MMWO, Kab. Obbo Guyyoo Waariyoo fi barreeffamicha kan dhiyeessan, Obbo Mul’isaa Ejjataa gaaffiilee fi yaadota ka’aniif deebii fi kallattii fuulduraa kaa’aniiru. Haaluma kanaan sanadichi yaadota galtee kora kanarraa argameen erga gabbatee booda sadarkaa Manneen Murtii hundaatti irratti mari’atamee rakkoolee kenniinsa tajaajilaa adda bahan akkaataa kallattii akeekameen irratti hojjatamuu kan qabu ta’uu ibsaniiru.
••• DAAYIREKTOREETII DHIMMOOTA KOMUNIKEESHINII MM
Δ
Leave A Comment