Free Consultation
011 123 4432
info@oromiacourt.org
Argama
Calcalii(Sarbet), Finfinne, Ethiopia
Sa'aatii Hojii
Mon - Fri: 8.30AM to 5.30PM
WIIRTUU | HOME
WAA’EE KEENYA
Waa’ee Manneen Murtii Oromiyaa
Ergama, Mul’ataa fi Duudhaalee Manneen Murtii Oromiyaa
Hooggansa MMWO
MANNEEN MURTII
MANA MURTII WALIIGALAA OROMIYAA
Tajaajila
MANNEEN MURTII OLAANAA
Godina Addaa Adaamaa
Godina Addaa N/Finfinnee
Godina Arsii
Godina Arsii Lixaa
Godina Baalee
Godina Booranaa
Godina Buunoo Baddallee
Godina Gujii
Godina Gujii Lixaa
Godina Harargee Bahaa
Godina Harargee Lixaa
Horroo Guduruu
Godina Iluu Abbaa Booraa
Godina Jimmaa
Godina Shawaa Bahaa
Godina Shawaa Kaabaa
Godina Shawaa Lixaa
Godina Shawaa K/Lixaa
Godina Qeellam Wallagaa
Godina Wallagaa Bahaa
Godina Wallagaa Lixaa
HAARAWA | LATEST
Oduu
Dookumantoota
Beeksisa
Beeksisa Hojii
Faayiloota
Barruulee
Labsiiwwan
Geessii Salphaa
NU-ARGACHUUF
Tajaajiloota
Tajaajiloota
Maxxansaalee Haaraa
January 20, 2022
/
By sco_editor
/
0 Comments
WALTAJJII WALOO MMWO FI KOREE DHAABBII CAFFEE OROMIYAA
WALTAJJII WALOO MMWO FI KOREE DHAABBII CAFFEE OROMIYAA
Waltajjii Marii Hooggansa MMWO fi Koree Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaa, Seeraa fi Qabeenya Namaa Caffee Oromiyaa
Koreen Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaa, Seeraa fi Qabeenya Namaa Caffee Oromiyaa Walittiqabaa Korichaa, Kab. Obbo Naasir Huseeniin durfamuun rifoormii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa tti gaggeeffamaa jiru Amajjii 12 bara 2014 daawwateera. Sadarkaa ijaarsi gamoo Waajjira Muummee Mana Murtichaa irra jirus Caffee Araaraatti argamuun ilaaleera. Sana boodas waltajjiin marii waloo gaggeeffameera.
Waltajjicha irrattI haasaa baga nagaan dhuftanii kan taasisan Pirezidaantiin MMWO, Kab. Obbo Gazaalii A/Simal “qaamni itti waamamnu Caffeen Oromiyaa karaa Korichaan rifoormii gaggeessaa jirruu fi hojiiwwan hojjachaa jirru daawwachuun isaa maaltu akka deemaa jiru hubachuuf kan gargaaruudha” jedhaniiru.
Kab. Obbo Gazaalii A/Simal, Pirezidaantii MMWO
Waltajjicha irratti barreeffamni gabaabaan rifoormii Manneen Murtii Oromiyaa irratti xiyyeeffate karaa Daayireektara Dhimmoota Komunikeeshinii MMWO, Obbo Gonfaa Atoomaatiin kan dhiyaate yoo ta’u bu’aa rifoormiin kun Kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa (KTAS) irratti fide kan xinxaalu barreeffamni biroon karaa Qindeessaa Deeggarsa Hojii Dhaddachaa MMWO, Obbo Joonii Bantiin dhiyaateera. Kana malees, yaadama dizaayinii fi haala waliigala ijaarsa gamoo Waajjira Muummee MMWO irratti dhiyeessii gabaabaan Obbo Naahom Dabaloo, manaajara ijaarsichaan dhiyaateera.
Obbo Gonfaa Atoomaa, Daayireektara Dhimmoota Komunikeeshinii MMWO
Obbo Joonii Bantii, Qindeessaa Deeggarsa Hojii Dhaddachaa MMWO
Sana boodas marii Pirezidaantii MMWO, Kab. Obbo Gazaalii A/Simal fi Walittiqabaa Koree Dhabbichaa, Kab. Obbo Naasir Huseeniin hoogganame irratti miseensonni korichaa hordoffii hojii dirree MMA fi MMO irratti godhanii fi daawwannaa guyyaa har’aa taasisan irratti hundaa’uun yaadota gurguddoo kaasaniiru. Yaadota ka’an keessaa muraasni rifoormiin Manneen Murtii Oromiyaa gaggeessaa jiranii (keessumattuu itti fayyadamni TQO) fi hojiiwwan hojjatamaa jiran qaamolee biroof fakkeenya akka ta’u; komiin kana dura Manneen Murtii irra ture daraan xiqqaachuu; rifoormiin gaggeeffamaa jiru bakka hundatti wal fakkaachuu akka qabu; Manneen Murtii jalaa (keessumattuu Manneen Murtii Aanaalee) tajaajila kennaniin komii hawaasaa amma jiru hambisuu/xiqqeessuuf cimanii hojjachuu kan qaban ta’uu; ijaarsi gamoo MMWO gaggeeffamaa jiru Mana Murtichaarra darbee akka sabaatti kan hunda bakka bu’u ta’uu fi hordoffiin isaa sadarkuma kanaan cimuu kan qabu ta’uu fi akka waliigalaatti hojii boonsaa Manni Murtichaa itti jiruuf gammachuu guddaa kan qaban ta’uu ibsaniiru.
Pirezidaantiin MMWO, Kab. Obbo Gazaalii A/Simal goolaba waltajjichaa irratti yaada kennaniin yaada miseensonni korichaa kennan akka galteetti fudhannee irratti hojjanna jedhaniiru.
•••
DAAYIREKTOREETII DHIMMOOTA KOMUNIKEESHINII MMWO
Share this post with your friends
Facebook
Twiter
Linkedin
sco_editor
Visit: https://oromiacourt.org/
Prev Post
DHAAMSA AYYAANA QILLEE MMWO
Next Post
WALTAJJII MARII HOOGGANSA OL’AANAA FI GAGGEESSITOOTA KTAS
Leave A Comment
Cancel reply
Post Comment
Δ
Leave A Comment