Pirezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Kab. Obbo Gazaalii A/Simal kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa fi hooggansa Manneen Murtii Oromiyaa keessatti hirmaannaa dubartootaa guddisuuf hooggansi MMWO kutannoo qaba jedhaniiru. Kab. Obbo Gazaaliin kana kan jedhan goolaba leenjii dandeettii hooggansummaa dubartootaa cimsuuf guyyoota lamaaf kennamaa ture irratti argamuun kallattii gara fuulduraa kennan keessattii dha.
Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa hirmaannaa dubartootni hojii abbaa seerummaa fi hooggansa Manneen Murtii Naannichaa keessatti qaban guddisuuf xiyyeeffannoo kennee hojjachaa jira. Qixa kanaan hojiiwwan heddu bifa tarsimoo’aa ta’een hojjatamaa jiru. Isaan keessaa tokkoo fi inni murteessaan Daayirektoreetiin Koorniyaa fi Haqa Daa’immanii sadarkaa MMWO tti hundaa’ee hojiiwwan gama kanaan hojjatamuu qaban akka hoogganuu fi qindeessuu taasifamuu dha. Dabalataan caasichi sadarakaa Manneen Murtii Ol’aanaa fi Aanaaleetti akka jiraatu taasifamuun dhimma murteessaadha. Kana malees seerotnii fi sirnootni keessoo hirmaannaa dubartootni gama kanaan qabaachuu qaban jajjabeessan akka diriiran taasifamee jira. Murti addaatiin dubartootni leenjii fudhatanii gara hojii abbaa seerummaatti akka dhufan sochii bal’aan taasifamee jira.
Haa ta’u malee odiitiin koornayaa hirmaannaa dubartootni hojii abbaa seerummaa fi hooggansa Manneen Murtii Oromiyaa keessatti qaban adda baasuuf bara 2013 keessa Daayirektoreetii Koornayaa fi Haqa Daa’immaniitiin gaggeeffame akka agarsiisutti hirmannaan dubartootni hojii abbaa seerummaa fi hooggansa keessatti qaban baay’ee gadi aanaa ta’uu agarsiisa. Leenjii Mudde 25-26 bara 2014 dubartoota hooggansa irra jiranii fi Abbootii Seeraa Dubartootaa MMWO tiif kenname irratti bu’aan qorannoo kun dhiyaatee heddus mariisiseera. Hooggatootni fi Abbootiin Seeraa dubartootaa leenjicha irratti hirmaatanis gaaffilee fi yaaddoowwan qixa kanaan qaban bal’inaan kaasaniiru. Pirezidaantiin MMWO Kab. Obbo Gazaalii A/Simalii fi Pirezidaantii IA’n MMWO Kab. Obbo Guyyaa Waariyoo xumura leenjichaa irratti argamuun gaaffilee ka’aniif deebii fi kallattii fuulduraa kennaniiru. Kana keessattis hooggansi MMWO rakkoowwan ka’an furuu fi hirmaannaa dubartootaa qixa kanaan dabaluuf kutannoon hojjachaa kan jiru ta’uu ibsanii seeronnii fi sirnootni keessoo qawwa qaban akka fooyya’an ni taasifama jedhaniiru. Kana malees harcaatiiwwan gama kanaan Manneen Murtii sadarkaa jalaatti mul’atan irratti kallattiin barbaachisu akka kennamu ibsaniiru.
DAAYIREKTOREETII DHIMMOOTA KOMUNIKEESHINII MMWO
Δ
Leave A Comment