TAJAAJILA DEEGGARSAA SEERAA

0
1118

Mata duree Tajaajila Manni Murtii kennaa jiru beektuu? jedhu jalatti gama Tajaajila Waajjira Deggersaa fi Hubannoo Seeraa Manneen Murtii Oromiyaatiin kennaman keessaa Kutaa 1ffaa ‘Namoota Yakkaan Himatamaniif Tajaajila Abukaatoo Ittisaa Kennuu’ jedhu isiniif dhiyeessuun keenya ni yaadatama.

Har’a immoo Tajaajila Waajjira Deggersaa fi Hubannoo Seeraa Manneen Murtii Oromiyaatiin kennaman keessaa kutaa 2ffaa akka itti aanutti dhiyeessineerra. 

Namoota Harka Qalleeyyii Ta’an Gara Mana Murtii Dhufaniif Tajaajila Deggersa Seeraa Bilisaan Kennuudha

Labsiin 216/2011 ‘Gurmaa’ina, Aangoo fi Hojii Manneen Murtii Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra deebiin murteessuuf bahe keewwati 39 Tajaajila Deggersa Seeraa Manneen Murtii Oromiyaa keessatti kennuuf kan tumame ta’ee , dhimmi ‘Tajaajila Deggersa Seeraa kennuu’ jedhu tajaajila deggersa seeraa bilisaa kennuu kan dabaludha. Ulaagaan tajaajila deggersa seeraa bilisaa argachuus akka ulaagaa kan tajaajila Abukaatoo Ittisaa argachuuf taa’e irratti hundaa’uudhaan kan kennamu utuu hin taane haala waliigalaa nama himatamee ykn himatee irratti kan xiyyeeffatuudha.

Labsii 216/2011 keewwata 39 yoo ilaallu kutaa gurguddaa lamatti hirama. Kutaa 1ffaan keewwata 39(1) yoo ta’u innis “Namni kamiyyuu abukaatoo seeraa dhaabbachuudhaan deeggarsa seeraa argachuuf mirga akka qabu” kan agarsiisu ta’ee kutaan kuni nama kamiyyuu ni ilaallata. Nama kamiyyuu jechuun nama Mana Murtiitii falmii qabu kamiyyuu dhimmaan utuu adda hin qoodiin mirga qabaachuu isaanii mul’isa. Akkaataa kanaan kutaan kuni dhimma hariiroo hawaasaa fi dhimma yakkaa ofi keessaa qaba. Kutaa 2ffaan keewwata 39(2) ammoo kallattiidhaan dhimma yakkaa kan ilaallatuudha. Akkaataa kutaa kanaatti nama himatamee sababa harka qalleessa ta’eef abukaatoo dhuunfaa dhaabbachuu hin dandeenye kan ilaallatu ta’ee Mana Murtii baasii mootummaatiin yookiin bilisaan tajaajila deeggarsa seeraa kana akka argatan taasisuudha. Kutaalee lamaan kana irraa namni deggersa seeraa bilisaa argachuu danda’u nama hariiroo hawaasaa fi yakkaan himatame, akkasumas hariiroo hawaasaan nama himates kan dabalatu akka ta’e salphaatti hubachuun ni danda’ama.

Dhimma kana sirnaan hubachuudhaaf qajeeltoo gurguddaa lama heera mootummaa keessa jiru: ‘Mirga Walqixxummaa fi Mirga Haqa Argachuu’ jedhaman Heera Mootummaa Federaalaa Dimokiraatawaa Ripaabilika Itoophiyaa (Labsii Lakk. 1/1995) fi Heera Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa (Labsii Lakk. 46/1994) keewwata 25 fi 37(1) sirriitti ilaaluun baay’ee barbaachisaadha.

Qajeeltoon 1ffaan Mirga Walqixxummaadha. Qajeeltoo bu’uuraa heera mootummaa keessaa ‘Mirga Walqixxummaa’ keewwata 25 jalatti argamu ta’ee qajeeltoon kun “namni kamiyyuu seera duratti walqixa, qoodamiinsa tokko malee eegumsa seeraa walqixaan argachuu fi kunis wabii seeraa nama hundaa” ta’uu akeeka.

Qajeeltoon 2ffaan Mirga Haqa Argachuudha: Keewwata 37(1) qajeeltoo bu’uuraa haqa argachuu kan agarsiisu ta’ee, akkaataa qajeeltoo kanaatti ‘namni kamiyyuu dhimma murtaa’uu danda’u gara Mana Murtiitti ykn Qaama biraa aangoo Abbaa Seerummaa qabutti dhiyeessuun mirga murtii argachuu akka qabu’ akeeka.

Mirgootaa fi Walabummaa bu’uuraa jedhamanii boqonnaa 3ffaa Heera Mootummaa Federaalaa fi Naannoo Oromiyaa jalatti kaa’amanii kan jiran ta’ee keewwata 13 ‘daangaa hojiirra oolmaa fi hiikkoo’ boqonnaa 3ffaa ifa taasisee jira. Akkaataa kanaan keewwata 13(1) Qaamni Abbaa Seerummaa Federaalaa fi Naannoo sadarkaa sadarkaan jiran hundi boqonnaa 3ffaa Mirgootaa fi Walabummaa bu’uuraa namaan walqabatan kana kabajuu fi hojiirra oolchuuf itti gaafatamummaa fi dirqama akka qabanii; fi Keewwata 13(2) ammoo Qaamni Abbaa Seerummaa biyya keenyaa Mirgoonni fi Walabummaan bu’uuraa boqonnaa 3ffaa Heera Mootummaa kanneen jalatti tarreeffaamanii jiran gaafa hojiirra oolchu akkaataa qajeeltoo ‘Universal Declaration of Human Rights, International Covenants on Human Rights and international instruments’ biyyi Itoophiyaa ragaasisteen wal simuun hiikamee hojiirra oolchuu akka qabu akeeka.

Karaan ittiin ‘Sanadoonni waliigaltee mirga dhala namaa raggaasifaman’ biyya keenya keessatti hojiirra oolchuufis heeruma kana keewwata 9(4) jalatti ‘waliigalteewwan idil-addunyaa Itoophiyaan raggaasifte hundi qaama seera biyya kanaa ta’a’ jechuudhaan beekamtiin akka kennamuuf labsee jira. Akkaataa kanaan seerota idil-addunyaa mirgootaa fi walabummaa bu’uuraan walqabatan biyyi keenya Itoophiyaan mallatteessite keessaa qajeeltoowwan ‘deggersa seeraa bilisaan’ walqabatan fayyadamuudhaan qajeeltoowwan bu’uuraa heera mootummaa ‘Mirga Walqixxummaa fi Mirga Haqa Argachuu’ biyya keenya keessattis hojiirra oolchuun akka danda’amee jiru hubachuun ni danda’ama.

Kaayyoon ‘Tajaajila Deggersa Seeraa Bilisaa’ kennuus haqni hunda bira akka gahu taasisuudhaan wabii uummatichaaf ta’uu fi daandii namni kamiyyuu gara haqaatti ittiin ce’u mijeessuudha. Kunis namni harka qalleessa ta’e sababa harka qalleenya isaatiin haqa dhabee Mana Murtii akka hin komanneef, gama biraatiin ammoo qaamni humna qabu harka qalleenya nama mirgi isaa jalaa sarbamee akka carraatti fayyadamuudhaan haqa isaaf hin malle akka hin arganne taasisuudhaan deggersa seeraa bilisaa bifa harka qalleeyyii ta’aniif dhaqabamaa taasisuudhaan bifa qulqullina qabuunis kennuun harka qalleeyyii ykn namoota sababa adda addaatiin humna dhaban bira dhaabbachuun haqni isaanii akka mirkannaa’u ykn mirga isaanii akka falmataniif carraa uumameedha. Kaayyoon waliigalaa kanaas ‘SABABA ADDA ADDAATIIN NAMNI HUMNA HINQABNE AKKA HAQA DHABEE WALCAALMAAN HAQA QABEESSA HIN TAANE AKKA HIN BABAL’ANNE TAASISUUDHAAN HAQA MADAALAWAAN AKKA JIRAATU TAASISUU’ akka ta’e hubachuun barbaachisaadha.

…SABABA ADDA ADDAATIIN NAMA HUMNA HINQABNE….jechuun maali jechuudha? Eenyuu fa’a? gaaffiin jedhu ka’uu danda’a.

‘Harka qalleeyyii’ jechuun 1ffaan Namoota harka qalleeyyii ta’anii kaffaltii tajaajilaa abukaatummaa kaffalachuu hin dandeenye, 2ffaan Daa’imman maatii hin qabne, 3ffaan Dubartoota, Manguddootaa fi Qaama miidhamtoota kanneen hubannoo seeraa fi nama isaan gargaaru hin qabnee fi 4ffaan Namoota harka qalleeyyii ta’an kanneen biroos waan dabalatuuf isaan kuni tajaajila deggarsa seeraa bilisaas, bifa sirna qabeessa ta’een argachuuf mirga ni qabaatu.

Dhimma kana ilaalchisee waadaawwan adda addaa sadarkaa idil-addunyaatti jiran keessatti tarreeffamanii kan jiran ta’ee, sababa maallaqa gahaa hin qabneef abukaatoo dhuunfaa dhaabbachuu dadhabuun harka qalleessa ta’uu; daa’imman, qaama miidhamtoota, dubartoota fi kkf ta’anii ofii isaaniin falmachuuf maallaqa gahaa kan hin qabne ykn nama isaan gargaaru kan hin qabne ykn dhiibbaan adda addaa irra kan jiru yoo ta’an; akkasumas dhiira ta’anii umuriin isaanii 18 oli yoo ta’es sababa harka qalleessa ta’aniif falmachuu yoo hin dandeenye deggersi seeraa bilisaan kennamuun haalli danda’amu jiraachuu kan agarsiisuudha.

Biyya keenya keessatti deggersi seeraa bilisaa yeroo ammaa karaa qaama adda addaatiin kennamaa jira:

  1. Karaa abukaatoo ittisaa Manneen Murtii Oromiyaa sadarkaa sadarkaan jiraniin tajaajila laatamu

Tajaajila deggersa seeraa bilisaa kennuun walqabatee akka Manneen Murtii Oromiyaatti ogeessa of danda’e ramaduun bifa guutuu ta’een hojiirra oolchuudhaaf caaseffamni isaa kan jiru ta’ee hojiin kuni fuulduratti bifa guutuu ta’een kan kennamu akkuma jirutti ta’ee yeroo ammaa humna abukaatoo ittisaa Manneen Murtii Oromiyaatiin kennamaa kan jiraniidha.

  1. Karaa Barreessitoota Dhimmaa Seeraatiin (baratamaan Barreessitoota uummataa yookiin Raappolii jedhamuun kanneen waamaman) tajaajila laatamu

Barreessitoota Dhimmaa Seeraa iyyatni adda addaa namoota harka qalleeyyii ta’aniif bilisaan karaa Mana Murtii ajajamanii gaafa barreessan ni mul’ata. Karaa barreessitoota dhimmaa seeraa tajaajilli kuni bifa walfakaataan kennamaa yoo hin jiraanne illee bakki itti deggersi kuni kennamu waan jiruuf waan jajjabeeffamuu qabuudha.

  1. Karaa Abukaatota dhuunfaatiin tajaajila laatamu

Labsii Kenniinsa Hayyamaa fi Bulchiinsa Abukaatoo fi Barreessitoota Dhimma Seeraa Mootummaa Naannoo Oromiya Lak. 182/2005 keewwata 33(4,b)’n tajaajilli deggersa seeraa bilisaa karaa Abukaatoo dhuunfaatiin akka kennamu kan agarsiisu ta’ee, abukaatoon yookiin dhaabbati tajaajila ogummaa abukaatummaa namoota harka qalleeyyii ta’an kaffaltii tajaajilaa kaffaluu hin dandeenyeef waggaatti sa’a 50 fi sanaa oliif tajaajila bilisaa kennuu isaa ragaa ibsu dhiyeessuun gaaffii haaromsa eeyyamaa argachuun dirqama taasisuun akka ulaagaatti kaa’ee jira. Sirna kenniinsa tajaajila abukaatummaa bilisaa ittiin hordofamus Manni Hojii Abbaa Alangaa Oromiyaa fi Manni Murtii Waliigalaa waliin ta’uun akka diriirsan kaa’ee jira. Sirni ittiin hordofamus yeroo ammaa waliin ta’uun yoo hin diriirfamne illee, hojimaata jiruun Manneen Murtii fi Manneen Hojii Abbaa Alangaa sadarkaa sadarkaan jiran waliin ta’uun darbee darbee hojiirra oolchaa kan jiran ta’ee, akkaataa kanaan Abukaatoon dhuunfaa dirqama tajaajila kana kennuu akka qaban Labsiidhaan irra ka’ameera.

  1. Karaa Deggersa Yuniversiitota yookiin Dhaabbattoota Barnootaa Ol’aanaatiin tajaajila laatamu

Yuniversitiin yookiin Dhabbattoonni Barnootaa Ol’aanaa ogeessa deggersa seeraa bilisaan kennan qaxaruudhaan Manneen Murtii keessatti ykn mooraa Mana Murtiin alatti waajjirri banameefii tajaajilli kuni kannamaa kan jiruudha. Tajaajilli kuni walta’iinsa Mana Murtii Waliigalaa fi Dhaabbilee barnootaa ol’aanootiin eegalamee hojiirra oolmaa tajaajilichaas waliin hordofuudhaan kennamaa kan jiruudha. Tajaajilli kuni Manneen Murtii Oromiyaa hunda wal ga’ee kan hin jirre ta’ee magaalawwan Yuniversiitiin jiranitti heddumminaan kan kennamaa jiruudha.

Akka waliigalaatti yaada ergaa kanaa irraa dhimmi hubatamuu qabu Manneen Murtii Oromiyaa sadarkaa sadarkaan jiran hunda keessatti tajaajila deggersa seeraa kaffaltii malee bilisaan argachuun akka danda’amu; dhimma yakkaan walqabatu yoo ta’e himatamtootni kamiyyuu akkataa seeraatiin Manni Murtii ajajuun tajaajila kana argachuuf mirga kan qaban ta’uun; namooti harka qalleessa ta’an; Daa’imman, Qaama miidhamtootni fi dubartoonni hubannoo seeraa fi nama isaan gargaaru hin qabneef qaamoleen armaan olitti tarreeffaman bira deemuun deggersa kana kaffaltii tokko malee bilisaan argachuuf mirga akka qaban hubachiisuuf yaadameeti.

Bu’uura kanaan yeroo ammaa tajaajilli Deggersa Seeraa Bilisaa kennamaa jiraachuu hubachuudhaan itti fayyadamuu dandeessu jenna

 Kutaa 3ffaa

Kenniinsa tajaajila Manneen Murtii ilaalchisee Hawaasaaf Hubannoo Seeraa kennuu……jedhuun walqabatee Dhimmootaa fi Qajeeltoo waliigalaa hawaasni Kenniinsa Tajaajila Manneen Murtii Oromiyaan walqabatee beekuu qabu jennee yaanne barreeffama gabaabduu qabachuun walitti deebina.

Hubachiisa: Yaadni isin nuuf barreessitan kenniinsa tajaajila keenyaa cimsuu keessatti waan nu gargaaruuf dhimma kanaan walqabatee gaaffii fi yaada qabdan kamiyyuu karaa fuula kanaan nuuf ibsuu, Hooggansa Manneen Murtii sadarkaa sadarkaan jiran quunnamu, karaalee isiniif mijatuun nuuf barreessuu dandeessu.

Waajjira Deggersaa fi Hubannoo Seeraa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa irraa

                                   Horaa Bulaa

                              Bitootessa, 2013

 

 

 

 

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here