Hojii ijoon Mana Murtichaa tajaajila abbaa seerummaa kennuu yoo ta’u, kanumaan wal qabatee tajaajilootni armaan gadii ni kennamu.
- Tajaajila Deggersaa fi Hubannoo Seeraa
Manni Murtichaa deggersa armaan gadii ni kenna;
- Dhimmoota yakkaa irratti namoota harka qalleeyyii ta’anii fi abukaattoo dhuunfaan dhaabbachuu hin dandeenyeef tajaajila deggersa seeraa;
- Dhimmoota yakkaa irratti namoota afaan hojii naannichaa hin beekneef tajaajila hiikkaa afaanii;
- Kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa fi seera irratti hubannoo hawaasaa gabbisuuf tajaajilli hubannoo seeraa kallattii adda addaatiin ni kennama.
Hojiileen gama kanaan hojjataman qindeessummaa Waajjira Deggersaa fi Hubannoo Seeraa Mana Murtichaatiin kan raawwatamanii dha.
- Tajaajiloota Hojii Dhaddachaan Walqabatan Biroo
Tajaajilotni hojiiwwan dhaddachaan wal qabatan kanneen armaan gadii Mana Murtichaan ni kennamu.
- Iyyata abbaan dhimmaa dhiyeeffatu irratti hundaa’uun galmee banuu;
- Ajaja dhaddacha irraa kennamu barreessuun baasii gochuu;
- Garagalcha murtii ykn ajaja kennuu;
- Abbaa dhimmaa murtii Manni Murtichaa kennu komatee ol’iyyata gaafatuuf ol’iyyata kennuu;
- Tajaajila abbaa seerummaa tekinooloojiidhaan deggerame kan akka I’faayiliingii, viidiyoo konfiraansii, tuqii argi, daataa beezii, iskaanessuu fi kkf.
Yaadota Ammee