Leenjiin Manneen Murtii Oromiyaa keessatti bulchiinsa maallaqa imaanaa ammayyeessuu irratti xiyyeeffate ogeessota Bittaa fi Bulchiinsa Faayinaansii MMWO fi MMO tiif Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti kennamaa jira.
Maallqani imaanaa wabiif abbootii dhimmaatiin qabsiifamu yeroo dheeraaf caasaalee Biiroo Maallaqaa sadarkaan jiran bira kaa’amaa kan ture yoo ta’u bara 2012 iraa eegalee gara Mana Murtiitti deebi’eera.
Maallaqni kun bu’uurarraa kan abbaa dhimmaa yoo ta’u abbaa dhimmaaf haa deebi’u jedhee dhaddachi akkuma ajajeen deebi’uu qaba. Kanaaf, sirni bulchiinsa isaa ammayyaa’aa fi qisaasama gosa kamuu irraa bilisa ta’ee of eeggannoon qabamuu qaba.
Ogeessonni Manneen Murtii qabiinsa maallaqichaa irra hojjatan hubannoo fi beekumsa gahaa qabaatan akka bulchan dandeessisuuf leenjiin IBEX irratti fuulleffate kennamaa jira.
Eegaliinsa leenjichaa irratti argamuun haasaa baniinsaa kan taasisan Itti Gaafatamaan Waajjira Gumii fi Bulchiinsa Qabeenya Namaa MMWO, Obbo Mokonnin Raggaasaa dhaamsa dabarsaniin leenjiin kennamaa jiru kun maallaqa abbaan dhimmaa amaanadhaan Manneen Murtii bira kaawwatu sirnaan bulchuun murteessaa ta’uu ibsanii, ogeessonni leenjicha fudhachaa jiran akkuma xumuranii bakka hojiitti deebi’aniin ogeessota MMO fi MMA dhimma kana irra hojjataniif leenjii akka kennan himaniiru.
Leenjichi qopheessummaa Daayirektoreetii Bittaa fi Bulchiinsa Faayinaansii MMWO tiin ogeessota TQO Biiroo Maallaqaa Oromiyaa irraa affeeramaniin Mudde 21-22 bara 2013 tti kennamaa kan jiruu dha.
DAAYIREKTOREETII DHIMMOOTA KOMUNIKEESHINII MMWO
Δ
Leave A Comment