Rifoormiiwwan Manneen Murtii Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiran akka biyyaatti fakkeenyummaa kan qabaniidha jedhan pirezidaantiin MMWO Kab. Obbo Gazaalii Abbaa Simal.
Obbo Gazaaliin kana kan jedhan xumura leenjii dhimmoota rifoormii irratti xiyyeeffatee ogeessotaa fi dursitoota garee hooggansa hojii jijjiiramaa, karooraa, komunikeeshinii fi deeggarsa hojii dhaddachaa MMO fi MMWO guyyoota sadiif Adaamaatti kennamaa ture irratti argamuudhan kallattii hojii yeroo kennanittii dha.
Waltajjii kana irratti leenjiiwwan mata dureewwan 4 irratti xiyyeeffatan hirmaattotaaf kennamaa turaniiru. Leenjiin jalqaba jijjiirama (rifoormii) akka waliigalaatti fi jijjiirama adeemsa bu’uura hojii (JBAH) irratti kan fuulleffate yoo ta’u Yuunivarsiitii Sivil Sarvisii Itoophiyaatti barsiisaa kan ta’an Dr. Kabbadaa Gannatiitiin kan kennamee dha. Itti aansuun Maanuwaalii JBAH fi Chaartarii Lammiilee Manneen Murtii Oromiyaa bara 2013 keessa irra deebiin fooyya’anii fi Gumii Bulchiinsa Abbootii Seeraan ragga’an irratti leenjiin hubannoo cimsu Daayirektara Karooraa, Baajataa, Hordoffii fi Gamaaggamaa MMWO kan ta’an Obbo Mitikkuu Tarfaa fi Expartii KTAS MMWO kan ta’an Obbo Asfaawu Kabbadaatiin kennameera. Sanatti aansuudhaanis sirna hooggansaa bu’aa irratti xiyyeeffate (result based management) irratti leenjiin gaariin hayyuu dinagdee kan ta’an Obbo Addunyaa Namarraatiin kennamee jira. Dhuma irratti hubannoon dhimmoota komunikeeshinii jaarmiyaa fi jijjiirama ilaallatu Daayirekta Dhimmoota Komunikeeshinii MMWO kan ta’an Obbo Gonfaa Atoomaatiin hirmaattotaaf uumameera.
Goolaba leenjichaa irratti kan argaman Pirezidaantiin MMWO Kab. Obbo Gazaalii Abbaasimal fi Pirezidaantii Itti Aanaan MMWO, Kab. Obbo Guyyoo Waariyoo kallattii hojii gara fuulduraa hirmaattotaaf kennaniiru.
Haaluma kanaan Obbo Guyyoon yaada kaasaniin leenjiin guyyoota sadan kana kenname bu’a qabeessa jechuu kan dandeenyu hirmaattootni hubannoo leenjicha irraa argatan galanii gaafa hojiitti jijjiiraniidha jedhaniiru. Obbo Gazaaliin gama isaanitiin jijjiiramni Manneen Murtii Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru Manneen Murtii biyyattiif fakkeenyummaa kan qabu ta’uu eeranii kana keessatti hundi keessan gahee waan qabdaniif itti boonuu qabdu dhaamsa jedhu hirmaattotaaf dabarsaniiru. Itti dabalaniis rifoormiiwwan kanneen caalmaatti hubachiisuu fi lafa qabsiisuuf cimtanii hojjachuu qabdu jedhaniiru. Kana malees gaaffiilee hirmaattoota leenjichaa irraa ka’aniif deebii kennaniiru.
#MMWO
Δ
Leave A Comment