Gareen hooggansa Mana Murtii Waliigalaa fi Pirezidaantota Manneen Murtii Ol’anaa Godinaalee Naannoo Sidaamaa daangessan of keessatti hammate Guraandhala 16 bara 2013 Naannoo Sidaamaatti argamuun Mana Murtii Waliigalaa Naannichaa fi Mana Murtii Ol’aanaa Magaalaa Hawaasaa daawwateera.
Sabni Sidaamaa mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu isaa fayyadamee xumura bara 2012 Naannoo mataa isaa fi biyyattiif immoo Naannoo 10ffaa kan taate hundeeffachuu hordofuun qaamoleen mootummaa sadan, Mana Murtii dabalatee bifa haaraan gurmaa’uu irratti kan argamanii dha.
Jilli hooggansa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa fi pirezidaantota MMO Godinaalee Naannoo Sidaamaa daangessanii Pirezidaantii MMWO, Kab. Obbo Gazaalii A/Simaliin durfamus Hawaasatti kan argame Manneen Murtii Naannoo Sidaamaa bifa haaraan of gurmeessaa jiran gama maraan deeggaruu fi cimsuu akkasumas gara fuulduraatti bifa maraan wal tumsuun wajjin hojjachuu kan kaayyeffatee dha.
Jilli kun Kab. Obbo Gazaaliin dabalatatti Pirezidaantii Itti Aanaa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Kab. Obbo Guyyoo Waariyoo, Daayireektara Daayirektoreetii KTAS MMWO, Obbo Gammachuu Baqqalaa, I/Gaafatamaa Waajjira Gumii, Obbo Mokonnin Raggaasaa, Daayireektara Daayirektoreetii Qorannoo fi Atoominaa Obbo Tacaan Margaa, Daayireektara Daayirektoreetii Komunikeeshinii Obbo Gonfaa Atoomaa, Qindeessaa Dhaddacha Dhaabbii Oromiyaa Kibbaa, Obbo Kaasahuun Guuttataa, Pirezidaantota MMO Godina Adda Adaamaa, Arsii Lixaa, Gujii, Gujii Lixaa, fi Booranaa kan of keessatti hammatee dha.
Jila kana haasaa baga nagana dhuftanii taasisuun kan simatan Pirezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Naannoo Sidaamaa, Kab. Obbo Damisee Dullachaa “Uummanni Sidaamaa qabsoo waggaa 130 oliif taasisaa ture milkiin xumuruun naannoo ofii kan hundeeffate ta’uu, kana keessattis deeggarsi uummanni Oromoo fi Mootummaan Naannoo Oromiyaa taasisaafii turan iddoo ol’aanaa qaba” jedhaniiru. Itti dabalaniis amma erga naannoo ta’anii gurmaa’aanii asittis Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa hojii Manneen Murtii Naannoo isaanii gurmeessuu tumsuuf naannoo kamuu fi federaalaa dursee nu biratti argamuun aantummaa nuuf qabu kan agarsiisuudha jechuun galata guddaa qaban ibsaniiru.
Leave A Comment